(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 27,2009) Hoggantoonni fi qondaalotni ABO biyya alaa jiran biyya Ameerica magalaa Atlantaatti marii guyyaa lamaaf deeme gaggeessuu isaanii maddi oduu ABO gabaase.
Mariin kun haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi egeree Oromoo akkasumas maqaa dimokraasiin imaammata cunqursaa Woyaaneen baafattee sabaa fi sab lammoota ittiin dhiitaa jiru irratti qoodni qabsoo ABOn gaggeessuu fi fuula duree warraaqsaa irratti mareen guddaa bakka HDn-ABO Jaal Daawud Ibsaa fi miseensotni gumii sabaa biyyaa alaa argamanitti gaggeefameera.
Itti bahiinsi maree kanaas haallan qabsoo keenyatti danqaa tahan tokko tokko irra aannee attamiin tokkummaan qabsaawotaa fi ummata keenya duree ABOn gaggeefamu caalaatti latee dagaagee ummata keenya gara qabsootti hirmaachisuun sirna cunqursaa saba Oromoo irra jiru umurii itti gabaabsuu danada’mu akka tahe hubatamee jira.
Qondaalotnii fi hogganni ABO biyya USA,Canada, Iskandenevia,Australia fi Germanny irraa walitti qabaman dhibdeelee alaa keessaan dhaaba keenyaa fi ummata keenya quunname hunda sadarkaa barbaachisetti dura dhaabbachuun qabsoo bilisummaa Oromoo akka dagaasanii fi qooda warrqxummaa irraa barbaachisu akka bahuu qaban HD ABO Jaal Daawud Ibsa akeekanii jiru.
Walagahiin kun haala wal hubannaa fi maree ija qabeessaan xumuramuu oduun kun raga qabatamaan hubachiisee jira.
MOA